Telegram Group Search
JIRUU MI'OOFTUU JIRAACHUDHAAF.

  Ati Adda taatee kan uumamte hayyama(fadhii) rabbiitini kanafuu homaa wa takka osoo hin hiraarin jiraadhu.

Namoota fakkaachufi garagalchaa isaanii ta'uuf hin tattaafatin.
Eenyummaan kee kan hin mullatin xaliilli isaa kan ba'u Yeroo Ati ofitti amanuu, ofiin boonuu fi kabajaa ofiif kennuu egaltu sani.

Naannoo kee Namoonni beekamoon, gurguddaani fi Adda ta'an hanga fedhan jiraatanillee kennaan addaa kan keessa kee jiru hunda siif caala.
Namoonni Ati Adda jattee yaaddu kunneeen uumama isaanitin Adda ta'anii osoo hin ta'in iccitii kana Waan beekaniifi hojitti Waan hiikaniif qofa.

Atis bakka isaan irra gahan inumaahuuu isaani ol hojjechuu, isaani ol gumaachuu yoo barbaadde iccitii kanan siif hima..
๐Ÿ‘Œof ta'i
๐Ÿ‘Œkabajaa ofiif kenni
๐Ÿ‘Œof jaaladhu


@Oromoo_Motivate
@Oromoo_Motivate
@Oromoo_Motivate Yoo arjoomtee of agarsiisuufi jedhamta. Yoo doqnoomte miqqenyaa jedhamta. Yoo kolfite,kashalabbee jedhamta. Yoo calliste bineensa jedhamta.Yoo dafqattee, yoom nyaataa jedhamta. Yoo teessee yoom kaataa jedhamta. Yoo dhoksattee jiraattee qofa galeessaafi ofjaalataa jedhamta. Yoo himattee; yoo dubbatte, odeessituu jedhamta. Yoo namatti siquu baay'iftee hiriyaa hin filatu jedhamta. Yoo namarraa siqxe nama tuffata jedhamta.

Kanaafuu, dheerattus, gabaabbattus, beektus, wallaaltus namni waan jedhu waan hin dhabneef oduurraa gurra kee qabi.

Filadhuu dhaggeeffadhu. Nama jechuun bar yoo aannan obaaste summii itti naqee na obaasuu fi kan siin jedhudhaa.

Kanaafuu, ati akka gootuu, kan si afarsus, kan si faarsus haa jiraatuu eenyuuf osoo intaane jalqaba sammuu keef jiraadhu. Isaaf amanami; innis siif haa amanamu. Jalqaba ofii keef jiraadhu. Oduu namaa hin dhaggeeffatin, kaayyoo kee dhaggeeffadhu.

1, Yoo wal fayyaduu dadhabne, wal miidhuu haa dhiifnu.
2, Yoo waliif yaaduu dadhabne walitti yaaduu haa dhiifnu.
3, Yoo Wajjin duuluu dadhabne walitti duuluu haadhiifnu.
4, Yoo wal faarsuu dadhabne wal arrabsuu haadhiifnu.
5, Yoo wal eebbisuu dadhabne wal abaaruu haa dhiifnu.
6, Yoo wal jaalachuu dadhabne wal jibbuu haa dhiifnu.
7, Yoo wal gammachiisuu dadhabne wal mufachiisuu haa dhiifnu.
8, Yoo walitti siquu dadhane walirraa siquu haadhiifnu.
9, Yoo wal jala deemuu dadhabne wal jalaa deemuu haa dhiifnu.
10, Yoo dhugaa walitti himuu dadhabne wal sobuu haa dhiifnu.
11, Yoo wal sirreessuu dadhane wal jallisuu haa dhiifnu.
12, Yoo wal amanuu dadhabne wal shakkuu haa dhiifnu.
13, Yoo wajji qabsaawuu dadhabne walitti qabsaawuu haa dhiifnu.
14, Yoo wal jabeessuu dadhabne wal laaffisuu haa dhiifnu.
15, Yoo wal gorsuu dadhabne wal dogoggorsuu haa dhiifnu.
16, Yoo wal guddisuu dadhabne wal xiqqeessuu haa dhiifnu.
Waan dubbiftaniif galatoomaa ergaa bareedaa akkasii share gootu malee bira hin darbin

@Oromoo_Motivate
@Oromoo_Motivate
Namni kun daldalaa ture. Waggaa 21ffaa saatti kisaaraan jalqabaa irra ga'e. Waggaa 22ttimmoo mana barumsaa seeraa irraa hari'ame. Waggaa 24 yoo ta'u kisaaraa lammaffaan itti dabalame. 26tti jaalallee isaa du'aan dhabe. 34 Yoo ta'u mana mareef dorgomee hin milkoofne. 45tti seenetarummaaf dorgomee hin milkoofne. Waggaa 47 itti aanaa pireezidaantii ta'uu dorgomee mo'atame. 49tti irra deebiin seenetarummaaf dorgomee hin milkoofne.

Waggaa 52 yoo ta'u Pireezidaantii Ameerikaa Ta'uun Muudame. Namni Kun Abrihaam Liinkani

"Abdii Kutuu Jechuun Dhaabitti Du'uudha"

@Oromoo_Motivate
"๐—ฌ๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ ๐—ฑ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—พ๐˜‚ ๐—ต๐—ถ๐—ป ๐—น๐—ผ๐—น๐—ถ๐—ป, ๐˜€๐—ถ ๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚ ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ'๐˜‚๐—ณ. ๐—ฌ๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ ๐—ฑ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ผ๐—ณ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐˜๐˜‚๐˜๐˜๐—ถ ๐—น๐—ผ๐—น๐—ถ ๐—บ๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐—ฒ. ๐—ฆ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฏ๐—ป๐—ถ ๐—ถ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ๐˜€ ๐˜€๐—ฎ๐—น๐—ฝ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐˜€๐—ถ ๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐˜๐˜‚๐˜‚๐—ณ. ๐—›๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—ฑ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—ฎ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ ๐—บ๐—ถ๐—ท๐—ฎ๐˜๐˜‚๐˜‚๐—ป ๐—ต๐—ถ๐—ป ๐—น๐—ผ๐—น๐—ถ๐—ป. ๐—ž๐—ฎ๐—น๐—น๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ ๐˜€๐—ถ ๐—ฒ๐—ฒ๐—ด๐˜‚๐˜‚๐—ป ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ต๐—ถ๐—ป ๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—บ๐—ถ๐—ป. ๐—ค๐—ผ๐—ฝ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฒ๐—ฒ ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐˜€๐—ฎ๐—น๐—ฝ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐˜€๐—ถ ๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ถ. ๐—”๐—ธ๐—ธ๐—ฎ ๐—ฑ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ ๐˜†๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ถ๐—ณ ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฒ๐—ฒ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐˜๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—บ๐—ถ๐—ท๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ถ๐—ถ๐—ณ. ๐—ฌ๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ผ๐—ณ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐˜๐˜‚๐˜๐˜๐—ถ ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐˜€๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜๐—ฒ๐—ฒ ๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐—ด๐—ผ๐—ป๐—ณ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ถ. ๐—ฆ๐—ฎ๐—ป๐—ฎ ๐—ฏ๐—ผ๐—ผ๐—ฑ๐—ฎ ๐˜€๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐—ด๐—ฎ๐—น๐—บ๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ถ๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ถ"

@Oromoo_Motivate
Namootni dhibba keessaa parsantiin lama ni yaadu, dhibbeentaan sadii karaa dogoggoraa yaadu, sagaltamii shan immoo du'uuf qophaa'u malee hin yaadan.
#Joorji_Bernard_Shaw

@Oromoo_Motivate
Nama kaayyoo taanan
sin dhaabu gufuun tokkoo
Kuftus kaatee deemta
hin sodaattu rakkoo

Gufuun si jabeessa
diina kee ni caalta
Danqaa har'aa miti
galma kee ilaalta
Geesses injifattee
geeba kee ni kaasta

@Oromoo_Motivate
Forwarded from HOPE PROMO
ยป Fakkicha Hubannoodhaan Ilaali!
โ˜๏ธ              โ˜๏ธ                       ๐Ÿ›ฐ
         โ˜๏ธ              โ˜๏ธ      โ˜๏ธ             โ˜๏ธ
                                    โ˜๏ธ
โ˜๏ธ     โ˜๏ธ โ˜€๏ธ  
           โ˜๏ธ             โœˆ๏ธ
โ˜๏ธ              โ˜๏ธโ˜๏ธ  โ˜๏ธ
     โ˜๏ธ           ๐Ÿš      ๐Ÿ“ก โ˜๏ธ
๐Ÿก๐Ÿฌ๐Ÿฅ๐Ÿก๐Ÿญ.    ๐Ÿจ๐Ÿฃ๐Ÿฆ
                     / | \
     _๐Ÿš‚๐Ÿšƒ  /   |   \ ๐Ÿšฉ___
       ๐Ÿ‘ฌ๐Ÿšฆ /    |     \ ๐Ÿšฆ๐Ÿšถ
        ๐ŸŒณ   /      |        \  ๐ŸŒณ
              /        |          \    ๐Ÿ         ๐ŸŽก
     ๐ŸŒณ  /  ๐Ÿš”   |  ๐Ÿš”     \ โ›ฝ๏ธ       ๐ŸŸ
          /            |             \
  ๐ŸŒต /      ๐Ÿš–   |  ๐Ÿš˜          ๐Ÿšด
      /                |       ๐Ÿš”     \
    /         ๐Ÿš    |                   \
  /                    |                    

ยป Konkolaataa diimaa fakkicha irra jiru tuqii garam akka deemu ilaali! Itti Gammadda! Hope Just ยซJOINยป Now!

Affeerraa Gaarii ๐ŸŒ„

+ Subscribers Free Promoter


๐ŸŽ† ๐‘บ๐’‘๐’๐’๐’”๐’๐’“๐’†๐’… ๐’ƒ๐’š: ๐—›๐—ข๐—ฃ๐—˜ ๐—ฃ๐—ฅ๐—ข๐— ๐—ข
๐€๐๐ฏ๐ž๐ซ๐ญ๐ข๐ฌ๐ข๐ง๐  ๐“๐ž๐ฅ๐ž๐ ๐ซ๐š๐ฆ
 ๐‚๐ก๐š๐ง๐ง๐ž๐ฅ๐ฌ/๐†๐ซ๐จ๐ฎ๐ฉs
@Oromoon_Oromoof_PostBot

Ads
   โ€ข
@hope_promo
#Namichaa_fi_simbirroo

Namichatu simbira bareedduu tokko harkaan qabee ajjeesuuf osoo jedhuu, duuu isheetiin dura ergaa xumuraa akka dabarfattuuf kadhatte. Ergaa sadiin siif dabarsa bara jireenya kee hundaatti isaan si fayyadu jetteen.

๐Ÿฆ, 1ffaa, โ€œWaan si harka jiru hin gadhiisinโ€;

๐Ÿฆ,2ffaa, โ€œWaan darbetti hin gaabbinโ€ jetteetu sadaffaa utuu hin dubbatin callistee turte.

Namichis maaloo ergaa kee isa sadaffaas natti himikaa jedheen. Ergaan koo inni _3ffaan waan bay
ee ulfaataa fi jireenya kee keessatti baayee si barbaachisudha. Isa kanan sitti himu garuu yoo gad na lakkifte qofaadha jetteen. Namichis gad ishee lakkise. Isheenis barristee erga mukarra qubattee booddee ergaa koo isa 3ffaa sitti himuu kootiin dura jalqaba irratti maalin siin jedhee jetteen.

๐Ÿฆ,Innis, โ€œWaan si harka jiru hin gadhiisinโ€ naan jette jedheen. โ€œWaan ajajamte rawwatteeree?โ€ jetteen. โ€œLakkiโ€ jedheen. Osoo kana hojii irra oolchite ta
ee garaa koo keessa warqeetu jira ture, gadi na lakkisuu keetiin qabeenya si qofa osoo hin taane ijoollee kee illee jiraachisuu dandau dhabde jetteen.
.
๐Ÿฆ, โ€œErgaan inni 2ffaan maal jedha ture?โ€jetteen. Innis, โ€œWaan darbetti hin gaabbinโ€ kan jedhudha jedheen. Isheenis deebistee, "Ergaan 3ffaanis isuma 2ffaa kanadha. Isuma irra deebi
ii raawwadhu" jetteen jedhama.
Ajaja 1ffaa fi 2ffaa osoo hojiitti hin hiikin ammas ajajaa 3ffaa dhagauuf Si'ate. Osoo ajajuma 1ffaa sana hubatee raawwate taee warqiinis Kan isaa ture.
Ajaja dhagahuu diduun nama gaabbisiisa,garuu Kan darbeef gaabbuun Kan Boruu balleessuu waan ta'eef waan ajajamte raawwachuuf yoomiyyuu Of qopheessi.

@Oromoo_Motivate
Wantoota #6 #Jireenya Fi #Ilaalcha Keenya  Jijjiiruu Danda'an!
    

โœ“1.Waan hunda namootatti himuu dhiisi.
โ€ขNamoonni baay'een dhimma kee hin qaban, gariin immoo dhoksaan akka ati kuftu barbaadu.kanaaf Waan hunda namootatti himuu dhiisi!

โœ“2.Hiriyyoota kee ogummaadhaan filadhu.
โ€ขKaraan saffisaan ittin fooyya'uu dandeenyu namoota fooyya'oo ta'aniin of marsuudha.

โœ“3.Homaa hin eegin, waan hunda dinqisiifadhu.
โ€ขNagaa keessoo argachuuf wantoota xixiqqoo jireenya kee keessatti mul'ataniif osoo hin tuffatin galateeffadhu.

โˆš4.Waan dandeessu hunda gochuu fi adeemsa isaa amanachuu.
โ€ขHamma cimtee hojjettu carraa argatta.kanaaf wanta dandeenyu Itti amannee ciminaan yoo hojjenne carraa hedduu qabatee nuuf dhufuu danda'a.

โœ“5.Namoota biroo osoo hin taane of too'adhu.
โ€ขNama toโ€™achuun humna,Of to'achuun humna dhugaati.Kanaaf of irratti haa xiyyeeffannu!

โœ“6.Dhimma Sin ilaalle irratti Deebii kennuu dhiisuu baradhu.
โ€ข Dhimmoota Akka dhuunfatti nuun ilaalle hedduutu Jira!Kanaaf wantoota akkanaa irratti Yeroo keenya balleessan irra dhimma nu ilaallatuu irratti hojjachuun filannoo sirriidha.

Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
Jechoota Maartiin Luute King
....
โ€œRakkoo kamiyyuu furuuf karaan hundarra gaariin kaayyoo isaa buqqisuudha.โ€

''Harfachiisuun ammallee hattuu yerooti. Jireenyi yeroo baayโ€™ee carraa bade qullaa, qullaa fi gadda nu dhiisa.โ€

โ€œIjoolleen keenya kennaa keenya osoo hin taane argamuun keenya isaan barbaachisa.โ€

โ€œBeekumsi adeemsa dhugaa walitti tuuluudha; ogummaan salphisuu isaanii keessa jira.โ€

โ€œJibbi jireenya laamshessa; jaalalli ni gadhiisa. Jibbi jireenya burjaajessa; jaalalli walsimsiisa. Jibbi jireenya dukkaneessa; jaalalli ni ibsa.โ€


Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
Kaayyoo qabatetti cichi. Abdiin keefi obsi kee akka hin dhumne eeggannoo godhi. Arrabsoofi tuffii namaaf deebii hin kenniin. Callisii hojjedhu, callisii kaayyoo keetti deemi, callisii milkaaโ€™i! Gaafa sana warri si tuffachaa turan dabaree qabatanii si kabajuuf dhufu!

Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
๐‘š๐‘Ž๐‘›๐‘›๐‘– ๐‘”๐‘œ๐‘”๐‘Ž๐‘Ž โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘–๐‘› ๐‘–๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘š๐‘ก๐‘’ ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘ ๐‘Ž๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘’๐‘’ ๐‘ค๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘”๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘’ ๐‘‘๐‘–๐‘–๐‘”๐‘”๐‘Ž๐‘š๐‘ก๐‘–.
๐‘š๐‘–๐‘™๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž'๐‘–๐‘›๐‘›๐‘– โ„Ž๐‘–๐‘Ÿ๐‘˜๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘ข๐‘š๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘› โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘ก๐‘ข. ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘ก๐‘ข๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’ ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘Ÿ๐‘˜๐‘œ๐‘œ ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘’ ๐‘๐‘Ž๐‘‘๐‘ข๐‘ข๐‘› ๐‘–๐‘ โ„Ž๐‘–๐‘– ๐‘๐‘’๐‘’๐‘˜๐‘˜๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž. ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž ๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘ ๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ข๐‘›,  ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘š๐‘ข๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘Ž๐‘“ โ„Ž๐‘ข๐‘š๐‘›๐‘Ž ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘ก๐‘Ž'๐‘Ž๐‘›๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘›. ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘ข๐‘›๐‘‘๐‘Ž ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž๐‘š๐‘ข๐‘ข ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ข๐‘ข ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž'๐‘Ž.  โ„Ž๐‘ข๐‘š๐‘›๐‘Ž๐‘Ž ๐‘“๐‘–๐‘– ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘ข๐‘ข๐‘› ๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž/๐‘‘๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘๐‘–๐‘– ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘ก๐‘’, ๐‘ก๐‘ข๐‘Ÿ๐‘ก๐‘ข๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’ ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘– ๐‘š๐‘–๐‘™๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž'๐‘–๐‘›๐‘Ž ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘”๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘ข โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘ข.
๐‘ข๐‘š๐‘ข๐‘Ÿ๐‘–๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘’๐‘’๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘ข๐‘ , ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘š๐‘›๐‘– โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘’๐‘’  ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘ข๐‘š๐‘Ž ๐‘ค๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘– ๐‘—๐‘’๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘š๐‘Ž.
๐‘œ๐‘“ ๐‘ก๐‘Ž'๐‘–๐‘– ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐Ÿ’ช๐Ÿพ

Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘› ๐‘ค๐‘Ž๐‘ฅ๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘š๐‘ก๐‘’๐‘’(๐‘”๐‘ข๐‘๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘’๐‘’), ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ  ๐‘๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘ก๐‘’๐‘’  ๐‘ ๐‘Ž'๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘ก๐‘œ๐‘˜๐‘˜๐‘œ(1) ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘ก๐‘– ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘˜๐‘’๐‘›๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘’๐‘’, ๐‘ ๐‘Ž'๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘› ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐‘—๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘Ž โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘›๐‘’๐‘“ โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘ข๐‘ข ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘Ž. ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘ข ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ก๐‘’๐‘’, ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘–๐‘ ๐‘ข๐‘ข๐‘“ ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘“๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘‘๐‘Ž๐‘š๐‘ก๐‘’ ๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ๐‘› ๐‘˜๐‘ข๐‘› ๐‘”๐‘Žโ„Ž๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž.

๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘–๐‘ก๐‘’ ๐‘–๐‘›๐‘›๐‘–๐‘  ๐‘ ๐‘– ๐‘๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž
๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘˜๐‘Ž๐‘๐‘Ž๐‘—๐‘—๐‘’ ๐‘–๐‘š๐‘š๐‘œ๐‘œ ๐‘–๐‘›๐‘›๐‘–๐‘  ๐‘˜๐‘Ž๐‘๐‘Ž๐‘—๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘Ž.
๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ฆ๐‘Ž ๐‘Ž๐‘—๐‘Ž๐‘Ž'๐‘–๐‘๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘’, ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘–๐‘› ๐‘‘๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘๐‘– ๐‘Ž๐‘—๐‘Ž๐‘Ž'๐‘Ž๐‘๐‘–๐‘– ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘–.
๐‘‘๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘๐‘– ๐‘š๐‘Ž๐‘™๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘ข โ„Ž๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘–๐‘–๐‘๐‘Ž ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž.

Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
BADHAASA UUMAMAAN KENNAME โ•‘ ITTI FAYYADAMUU
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โ Uumama isaatiin dhalli namaa, dandeettii gosa garaa garaa akkasumas ogummaa garaa garaa badhaafamee dhalata.

โœง Tulluu inni tokko hin baane tokko ni ba'a. Wanta inni tokko hin hojjenne inni tokko immoo ni hojjeta. Kana keessatti sakatta'ee osoo of keessatti hin argatiin kennaa isaa utuu hin barin, namni ukkaamamee du'aan du'ee dhumee michuu warra du'anii ta'e kumaa fi kitila.

โœง Du'a ooluuf yaaluu utuu hin taane du'a booda dhalootni waan ittiin nu yaadatu hojjechuudha. Har'a michuu warra lubbuun jiranii ta'uun kee bor michuu warra du'anii ta'uu
dhabuu kee miti.

โ™ ๏ธ Eenyu akka ta'e osoo of hin barin dhalli namaa addunyaa kana irraa dhume, eenyu akka ta'e nama of baree du'e dachaa meeqaan caala.

โžฒ Jireenya keessatti dhala namaa wanti bakka guddaan ga'u, guyyaa gara guyyaatti yaada haaraa isa faallaa yaada moofaa ta'e, kan jireenyaa fi ilaalcha gaariitti nama geessu,
sammuu isaa keessatti oomishee, wanta gaarii sammuu isaa keessatti argate gara kaayyoo, karoora, akkasumas galma isaatti jijjiiree irra adeemuudha.

โžฒ Daandiin milkaa'inaa tokko jedhee kan eegalu, yaada moofaa jireenya gaariitti nama hin baasne sammuu ofii keessaa gatuu fi sanyii gaarummaa keessatti facaasudha.

Araddaa guddaan ati qabeenya hundumaa caalaa dhuunfaa keetti qabdu SAMMUU keeti. Waan feete filattee irratti facaasuu dandeessa. Itti gaafatamummaa isaa kan mataa keetiti. Sammuu si miidhu baattee sammuu si fayyadu qabaachuu hin dandeessu. Ilaalchi badaa fi qajeelaan walii galanii
sammuu tokko keessa hin jiraatan. Michuu isa tokkoo ta'uu dandeessa. Bu'a qabeessi sammuu, sammuu yaada qajeelaa faallaa yaada moofaa ta'edha.


Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
Akkana jedhe Sooqiraaxis

Yeroon dargaggeessa ture, ganama yeroon hirribaa ka'uu hin jaalladhun ture.Harmeenkoo immoo amalakoo kana baay'ee na'rratti jibbiti, waan Daldalaa Sooressa akkan ta'uuf naaf abjottuuf.

Guyyaa tokko Harmeenkoo faayidaa ganama yeroon hirribaa ka'uun qabu akka natti himuuf, Ana faana gara Barsiisaakoo dhufte.

Barsiisaa: Sooqiraaxis, Seenaa bareedaa tokkon sitti hima, atimmoo seenicha'rraa waan baratte naaf himta, tolee!

Sooqiraaxis: Haa ta'u.

Barsiisaa: Simbirroota lamatu turan, Isheen ganamaan kaate raammoo funaannattee nyaattee ilmoolee ishees soorte. Isheen lammaffaarratti barfattee kaate immoo, waan nyaattu homaa'llee hin arganne, ni beelofte. Seenicharraa maal baratte, Sooqiraaxis!

Sooqiraaxis: Raammoowwan warri ganamaan dafanii ka'an Simbirrootaan nyaataman.

An deemeera Nagaatti!๐Ÿ˜
Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
Akka hin hatamne of eegadhu

Barsiisan barattoota isaatin gara fulduraa maal akka ta'uu barbaaddan boruu barreessaa koottaa jedheen. Barattoonni hundinuu barreessanii dhufan, kan barataa tokkoo akkas jedha ture,
Waggaa kurnan har'aa Qotee bulaa cimaa, lafa qotiisaa hektaara 300, mana jireenyaa kaaree meetira 2000 fi ijaarsa manaa sadi qabaachun qaba jechuun barreessee barsiisatti kenne, barsiisanis guyyaa lama booda ilaalee baratoota hundaafuu deebiseef.kan Barataa kanaa garuu 'F' (nan grade) jalaa gochuun akkas jedheen kuni nama akka si'ii kanaaf kaayyoo/abjuu dhugaa irraa fagaatedha, qarshii hin qabdu, ilma hiyyeessati, kuni nama akka si'ii kanaaf wanta tasumaa hin danda'amneedha. Kanaafuu kan biraa akka haaratti wanta milkeessuu dandeessu barreessi koottu jedheen. Mucaanis mana galee sirriitti itti yaade, abbaa isaas gaafate, abbaanis ilma koo kun wanta ofiif murteessituudha, garuu immoo kaayyoo kee kamiiyyuu akka milkeessitu sin amana onnee kee qofa dheggeeffadhu jedheen, Mucaanis kaayyoo isaa osoo hin jijjiirin isuma duraa irra deebi'ee barreessee barsiisaf keenne. Barsiisan ammas "F"  kenneef.
barataan kun woggaa muraasa booda kaayyoo isaa sana milkeessun qote bulaa cimaa ta'uun beekkamtii argate.

Guyyaa tokko TV irratti Gazzixeessaa waliin gaafif deebii taasise. Yeroo kana barsiisan F kenneef sunis ilaalaa jiraa. Barataan kun gaazixeessadhaan akkas jedheen  yeroon barataa turetti barsiisan koo kaayyoo/abjuu kiyya osoo na jalaa hatuuf jiruun amma xiqqoof harkatti qabadhe, inni F isaa ani immoo kaayyoo koo fudhe jedheen.

Ilaa nama koo meeqan keenyatu hin dandeessu nun jedhanii kaayyoo keenya hatame. Nama kaayyoo keessaniin isinitti dhufe hin dhagahinaa.
Wanti isin karoorsitan hunduu kan bira gahamuudha, bira gahameeras.

Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
Hiriyoonni lama osoo bosona keessa waliin deemaa jiranuu akka tasaa qeerrensi๐Ÿ…๐Ÿ† itti dhufe. Yeroo kana inni tokko gadi jedhee kophee isaa hidhachuu eegale, inni tokkichi sun immoo kophee hidhachuu isaa ajaa'ibsiifate, sila qeerrensa fiigdee jalaa bahuufi moo maaf kophee hidhachuun si barbaachise jedhen. Inni sunis fiigichaaf qophaa'aa๐Ÿƒโ€โ™‚ dhugaadha qeerensa fiigichaan hin dursu, garuu lubbuu kiyya baraaruf si dursuu qofti gahaadha jedheen.

michuuwwan koo yeroon kan warra dursuuf qophaa'aniiti.
dhaabbattee yeroo mugdu nii nyaatamta. Dhabbattee ilaaluu dhiisi fiigi gara fulduraatti.

Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
#Gonkuma_abdii_hin_kutin!

Buqqisuu dandeessaam
Gufuu karaa keessaa
Maaf harka marattee
Rakkoo jala teessaa?

Abdii kutuu baannaan
Bakka yaadde hin geessa
Rakkoon hammaatullee
Rabbi kee bar si jabeessaa
Jabaattee hojjennaan
Bor ni baata keessaa!
                 
Kufaatii inni guddaan
Abdii kutachuudha
Falli milkaa'inaa kee
Obsa qabaachuudha

Akka humna siif ta'u
Rabbiin kadhachuudha
Bor naaf darba jettee
Abdii horachuudha!

Nan kufabboo jettee
Sodaachuu dhiisuudha
Isa amma kufterraa
Boriif waa baruudha!

Lammee akka hin kufne
Eeggannoo gochuudha
Kaayyoo ofii yaadachaa
Ammas of cimsuudha
Utuu abdii hin kutin
Deemsa itti fufuudha!
               
Kufaatii sodaannaan
Rakko keessatti hafta
Kufaatii xinnoodhaaf
Maaf harka kennita?

Naa hinmilkaa'u jettee
Maaf abdii kutatta
Kufaatii kee caalaa
Maaliif achitti hafta?

Kufuun kee gaariidhaa
Silaa irraa barattaa
Yoo abdii kutatte
Lafa kuftetti hafta
              
Kuftee akka hin hafneef
Abdii hin kutatinii
Kufaatiin baayyatus
Deemsakee hin dhaabin

Barrisuu dadhabdus
Fiiguu hin dhiisin
Fiiguu dadhabdus
Deemuu hin dhiisin

Deemsa dadhabdus
Daa'imuu hin dhiisin
Daa'imuu dadhabdus
Foqoquu hin dhiisin
Kallattii hundaanuu
Deemsakee hin dhaabin
Rakkina sodaattee
Rakkachaa hin taa'in
                
Gufuun baayyatullee
Rakkoon hammaatullee
Yeroon dheeratullee
Abdii kutuu baannaan
Milkaa'uun kee hin oolle

         #Kanaafuu

kaayyoo kee hin dagatin
Abdiis hin muratin!
#Bahar ๐Ÿ–Š


Guddaa galatoomaa!
๐—™๐—ผ๐—น๐—น๐—ผ๐˜„ ๐—บ๐—ฒ๐ŸŒน
๐Ÿ…ฃ๏ธŽ๐Ÿ…”๏ธŽ๐Ÿ…›๏ธŽ๐Ÿ…”๏ธŽ๐Ÿ…–๏ธŽ๐Ÿ…ก๏ธŽ๐Ÿ…๏ธŽ๐Ÿ…œ๏ธŽ๐Ÿ‘‡keenya!

Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate ๐—๐—ผ๐—ถ๐—ป ๐—ท๐—ผ๐—ถ๐—ป ๐—บ๐—ฒ๐ŸŒน
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
๐‘ฉ๐‘จ๐‘ฎ๐‘จ ๐‘ฐ๐‘ป๐‘ป๐‘ฐ๐‘ฐ๐‘ต ๐‘ฐ๐‘บ๐‘ฐ๐‘ต ๐‘ฎ๐‘จ๐‘ฏ๐‘ฌ! ๐ŸŒบ๐ŸŒบ๐ŸŒบ

๐Ÿ•‹๐Ÿ๐Ÿ‘

๐ŸฅฐMuslimoonni guutuu addunyaa irra jirtan hundi keessan baga ittin isin gahe, ittiin nu gahe, warra baranaa kan bara hedduu!!

@Oromoo_Motivate
GORSA QAJEELTOO MILKAA'INA JIREENYAA:
1. Eessaan dhufe, Eessattin deema, Maaliifin uumamee bari.
2. Seera uumaa (natural law) kabaji.
3. Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu.
4. Amala gaarii, namooma, amanamummaa, naamusa kkf qabaadhu.
5. Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi.
6. Nama miidhuu irraa fagaadhu
7. Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu.
8. Amantii qabaadhu, Rabbi kadhachaa sodaadhu
9. Haadhaa fi abbaa, maatii keetiif tola oolii gammachiisi.
10. Hiriyaa gaarii filadhu
11. Mul'ata qabaadhu
12. Baradhu, barreessi, dubbisi, beekkumsa horadhu.
13. Hanga duututti barataa ta'i.
14. Dubbachuu fi hojjechuu dura hubachuu bari.
15. Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekkumsa argadhu.
16. Du'a akka hin oolle yaadadhu.
17. Taa'uu hin baay'isin sochoo'i, deemii dalagi.
18. Nama qormaata irra furmaata; Boo'icha irra moo'icha irratti xiyyeeffadhu.
19. Waan dabre yaadachaa hin oolinii dhiisi fuuldura ilaali.
20. Keessummaa ykn nama hayyuu waliin haasa'i irraa baradhu
21. Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa'anii dabranii dubbisi.
22. Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carratti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi.
23. Oduu dhaggeeffachuu fi Miidiyaa hawaasummaa online baay'isin.
24. Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin.
25. Namoota gowwaa, hamaa, jibbaa, hinaafaa, haasida, fakkeessaa, sobaa, abdi kutataa kkf irraa fagaadhu.
26. Hedduu dubbachuu hin baay'isin
27. Waan namni akka siif tahu feetu dursii namaaf tahi.
28. Qorichoota si macheessan dhaabi
29. Halkan yeroon (sa'aa 3 - 4) hirriiba rafi
30. Ganamaan dammaqi
31. Ispoortii hojjedhu
32. Nyaata gosaa (kudraa fi mudraa baay'isi; cooma, soogiddaafi sukkara hir'isi) fi hamma isaa hanga dandaโ€™ame madaalii nyaadhu.
33. Namootaaf dhiifama gochuu aadeffadhu, araaramaa fi waliigalaa ta'i.
34. Miira dorgommii fi naman caalaa ofirraa balleessi.
35. Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu.
36. Fudhataa osoo hin taane kennataa ta'uun beekkami. Nama rakkataa gargaarii arjaa ta'i.
37. Waan fedhii itti hin qabne hin hojjetin
38. Waan dhala namaa fayyaduu fi yoomuu itti yaadatamtu dalagi.
39. Yoomuu hin boonin, of hin tuulin, fiinxaalessa hin ta'in dhala namaaf jiddugaleessa ta'i.
40. Ofii gaarii ta'ii "Cubbuu fi Irbuu" irraa fagaadhu.

@Oromoo_Motivate
Horaa bulaa deebanaa
2024/06/18 12:08:20
Back to Top
HTML Embed Code: